info@aanaaciro.comt|+251 09805848|
Aanaa CirooPirojektota

Boru Har'a Ijaaraa Jirra

Pirojektoota fi Guddina

Galmee bal'aa hojii misoomaa, milkaa'inoota hawaasaa fi sagantaalee tajaajila mootummaa Aanaa Ciroo keessatti raawwataman.

6
Pirojektota Waliigalaa
0
Xumuraman
0
Adeemaa Jiran

6 pirojektota argaman

Aanaa Cirootti   Suphaan Daandii wal Ijafaara fi Madhiichoo wal qunnamsiisuu
PLANNING

Aanaa Cirootti Suphaan Daandii wal Ijafaara fi Madhiichoo wal qunnamsiisuu

Godina Harargee Lixaa Aanaa Cirootti Suphaan Daandii Lafa Baadiyaa Ganda Ijafaara fi Madhiichoo wal qunnamsiisuu hojjatamaa jiraachuun himame. Bulchaa Bulchinsa Aanaa Ciroo kan ta'an Obboo #Yaassiin Mahammad akka ibsanitti Rakkoolee Bulchinsa Gaarii hawaasni keenya yeroo dheeraaf komachaa jiruu addaan baafachuun adeemsaan deebii kennuuf qindoominaan hojjatamaatti jiraa jechuun eraniiruu. Hojiin Suphaa Daandii akka Aanaatti taasiifamaa jiruu yeroo xumurameetti badhaadhinaa maatii mil'keessuun haalli jiruu fi jireenya hawaasa keenya roga maraan akka jijjiiramuu gochuu keessatti shoora oolaanaa ta'ee qaba. Bara kana akka Aaniichatti uuwwiisni daandii lafa baadiiyaa akka dabalaa adeemuu gochuuf hojiin hojjatamaa jiruus dachaan akka ol dabaluu gochuun dandaameeraa. Hojiilee waliin gahiinsaa fi Suphaa Daandii lafa cirrachaa akka Aaniichaatti hojjatamaa jiran keessaa hojiin suphaa daandii lafa Cirrachaa ganda Ijafaara fi Madhiichoo wal qunnamsiisuu irratti hojjatamaa jiruu Rakkoolee Bulchinsa Gaarii gama daandiittiin hawaasni ganda ijafaaraa komachaa jiruu deebii kennuu keessatti shoora oolaanaa ta'ee qaba. Jiraattootni Gandiichaa suphaa daandii jalqabamee jiruu kanaaf deggarsa barbaachisuu gochuun saafiisaan xumuramee tajaajila si'ataa fi qulqulluu ta'ee hanga kennuu jalqabutti deggarsa adda hin ciinee gochuu akka qaban Bulchaan Aanichaa Obboo Yaasiin Mahammad dhaamaniiruu. Qaamoolee Deggarsa nuuf taasiisaa jiraniis maqaa ummata Aaniichaa fi Bulchiinsa Aanaa Ciroottiin galata guddaa qabnaafi jedhaniiru. Jiraatootni Gandiichaa akka himanitti daandiin keenya sababi rakkoolee umamaa fi nam-tolcheettiin akkasumaas dhiiqamiinsa lafaafi sigiigaachuu lafaatiin manca'ee turee yeroo ammaa kana rakkina kana arguun mootummaan Badhaadhina hojii suphaa nuuf taasiisuun isaa baay'ee nuu gammachiseetti jiraa jedhaniiru.

View Details